settings icon
share icon
Gaaffii

Soomni kiristaanaa, kitaabni qulqulluun maal jedha?

Deebii


Qulqulluun sagalee isaa kiristaanoonni akka sooman hin aboomu. Waaqayyo hin barbaaduu yookaan kiristaanoota hin aboomuu. Yeroo wal fakkaataatti macaafni qulqulluun sooma ni ibsa, gaarii, bu’a qabeessa, fi faayida qabeessa akka ta’ee. Hojiin ergamootaa akka galmeessetti amantootni murtoo barbaachiisaa murteessuu isaanii dura ni sooomu turan (Hoji ergamootaa 13:2, 14:23). Soomaa fi kadhatni yeroo hundumaa wali wajjin wal qabata (Luqaas 2:37, 5:33). Baay’ee irra deddeebi’ee xiyaafannoon soomaa nyaata fudhachuu dhiisuu dha. kana cinaanis kaayyoon soomaa ta’uu kan qabu ija wanta addunyaa kanaa irraa buqisanii guutuu guututti Waaqayyo irra kaa’uu dha. Soomni Waaqayyoodhaa fi mataa keenya karaa ittiin dhi’eesinuu dha, jechuun isaa wajjin walitti dhufeenyi nu qabnu dhugaa ta’uu isaa argisiisa. Soomni Waaqayyo irratti yaada haaraadhaa fi amantaa haarefamee akka qabaanu nu gargaara.

Ammam illee soomni qulqulluu sagalee isaa keessatti yeroo hundumaa nyaata soomuu yoo ta’es, karaan sooma kan biroonis jiru. Wanti kam iyyuu yeroodhaaf yoo dhiifame nyaata keenya hundumaa Waaqayyo irratti xiyyaafachuu yoo ta’ee akka soomaatti lakkaa’ama (1ffaa Qorontos 7:1-5). Soomni sa’a murtaa’e ta’uutu irra jiraata, keessumatti nyaata irraa of qabuu yeroo ta’u. yeroo dheeraa fi sa’a dheeraan nyaata malee ta’uun namummaa keenya miidhuu danda’a. Soomni foon adabuudhaaf yaadame miti, ha ta’uu malee nyaata keenya gara Waaqayyootti deebisuu dha malee. Akkasumas soomni “mala nyaataa” godhamee fudhatamuun irra hin jiraatu. Kaayyoon kadhata kitaaba qulqulluu ulfaatina isaa hir’isuu miti, ha ta’uu malee Waaqayyoodhaa wajjin tokkummaa gadi fagaatee argachuuf malee. Eenyu iyyuu soomuu danda’a, namoonni tokko tokko garuu midhaan soomuu hin danda’an (fakkeenyaaf dhibee sukaaraa kan qaban). Eenyu iyyuu yeroo dhaaf wanta tokko dhiisuu nidanda’a, gara Waaqayyootti akka ta’uutti dhi’aachuuf. Waan biyya lafaa kana irraa ija keenya fudhachuun, baay’ee bifa milkaa’aa ta’een yaada keenya gara Kristoositti naanneessu ni dandeenya. Soomiin waan barbaadne akka nuuf godhuuf karaa Waaqayyoon ittiin argannu miti. Soomni nu jijjira, Waaqayyo osoo hin taane. soomiin kan biroo caalaa nama hafuuraa kan ittiin taanuu miti. Soomiin godhamuu kan qabuu hafuura gadi of deebisuu fi haala gammachuu qabuuni dha. Maattewos 6:16-18 ni labsa, “Yeroodhuma soomtanitti immoo, akka warra of argisiiftuu nyaara keessan hin guurinaa! Isaan soomuun isaanii namootatti akka mul’atutti, fuula isaanii in boosomsu, dhuguman isinitti hima, isaan gatii isaanii fudhataniiru. Ati garuu yeroodhuma soomtutti, mataa kee dhibadhu, fuula kees dhiqadhu! Soomuun kee abbaakee isa wanta dhoksaatti hojjetamu hundumaa argutti malee, namoota duratti akka hin mul’anne godhi! Abbaan kee inni wanta dhoksaatti hojjetamu hundumaa argu immoo gatii siif in kenna”.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Soomni kiristaanaa, kitaabni qulqulluun maal jedha?
© Copyright Got Questions Ministries