Gaaffii
Yesus araarsuuf bakka bu’ee du’uun isaa maaliidha?
Deebii
Yaadni “umrii itti gaafatamummaa” jedhu ijoolleen hanga umrii murtaa’e ga’anitti cubbuu isaaniitiif Waaqayyoon hingaafatamanu, akkasumas immoo daa’imni tokko “umrii itti gaafatamummaa” osoo hin ga’iin yoo du’e, daa’imni sun ayyaanaa fi araara Waaqayyootiin, gara mootummaa waaqayyoo niseena yaada jedhu dha. Yaadni umrii itti gaafatamummaa jedhu yaada macaafa qulqulluutii? Yaanni “umrii qulqullummaa” jedhamu jiraa?
Marii waa’ee umrii itti gaafatamummaa keessatti ka’u keessatti, ijoolleen hammam xiqqaa ta’anillee cuubbuu ilaalchisee “qulqulluu” ta’uu dhabuu isaaniiti. Macaafni Qulqulluun akka nutti himutti, daa’imni tokko cubbuu dhuunfaa kan hin raawwatin yoo ta’ellee, daa’ima sanas dabalatee namoonni hundinuu sababa dhaala cubbuu irraa kan ka’e Waaqayyo duratti yakkamaa ta’uu isaaniiti. Dhaalli cubbuu kan warra keenya irraa nutti darbudha. Faarfannaa 51:5 irratti Daawit, “Kunoo haati koo isheen garaatti nabaatte iyyuu cubbamtuu turte, anis yakka ta’een dhaldhe.” jedhee dubbata. Daawit yeroo ulfaattillee cubbamaa taʼuusaa hubateera.Dhugaan baay’ee nama gaddisiisu, duuti daa’immanii, ijoolee xiqqoo, dhiibbaa bu’aa cubbuu Addaam isa jaqabaa du’a foonii fi hafuuraa ta’uu isaati argisiisa.
Tokkoon tokkoon namaa, daa’imaas ta’e nama guddaa, Waaqayyo duratti yakkamaa ta’ee dhaabata; tokkoon tokkoon namaa qulqullummaa Waaqayyoo mufachiiseera. Karaan Waaqayyo duratti qajeelaa fi qulqulla’aa ta’anii labsatu, Kiristoositti amanuudhaan dhiifama argachuu qofaani. Kiristoos karaa tokkicha. Yoh.14:6 akka mullisutti “ Karichi dhugaan, jireenyis, ana, anaan yoota’e malee, eeyyu iyyuu kara abbaa hindhufu” jedha. Akkasumas, Pheexiroos Hojii Ergamootaa 4:12 irratti “Fayyinnis Yesu Kristos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokkollee hinjiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta’u, waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamn” jedhee barsiisa. Fayyinni filannoo dhuunfaa ti.
Daa’immanii fi ijoollee xixiqqoo dandeettii filannoo dhuunfaa kana gochuu gonkumaa hin arganne hoo? Umrii itti gaafatamummaa jechuun yaada warri umurii itti gaafatamummaa osoo hin ga’iin du’an ayyaanaa fi araara Waaqayyootiin ofumaan fayyu yaada jedhudha.
Umrii itti gaafatamummaa jechuun Waaqayyo warra dandeettii Kiristoosiin deggeruu fi Kiristoosiin mormuuf murteessuu gonkumaa osoo hin qabaatin du’an hunda ni fayyisa jedhanii amanuudha.
Kutaa waa’ee kanarrattu dubbatu keessaa tokko Roomaa 1:20 dha. “Bifti isaa ijaan hinargamne; garuu humni isaa inni barabaraa, waaqummaan isaa erga biyyi lafaa uumamee jalqabee waan inni uume irrrattiqalbeeffatmee yaadatti argamuu nidanda’a; kanaafuu waan itti qabatan hinqaban." Akka kutaa kanaatti, yakki ilmaan namootaa Waaqayyoo duratti qaban, agarsiisu keessaa tokko, namoonni humna Waaqayyoo isa bara baraa “ifatti argumu” fudhachuu diduu isaanii irratti kan hundaa’edha. Kun gaaffii ijoolleen/daa’imman waa’ee Waaqayyoo “ifaan arguu” ykn waa’ee waaqayyoo haasa’uuf dandeettii waan hin qabneef akka dhiinama argatanatti nifudhatamaa?
Aadaa warra Yihudootaa daa’imni tokko waggaa 13tti ga’eessa ta’a isa jedhurratti hundaa’uun waggaa 13 irraa eegalee umrii itti gaafatamummaati jedhamee ballinaan fudhatama. Haa ta’u malee, Macaafni Qulqulluun umriin waggaa 13 yeroo hundumaa umurii itti gaafatamummaa akka ta’e wanti deeggaru tokkollee hinjiru. Daa’ima tokko irraa kanbiraatti garaagarummaa qabaachuu hin oolu. Mucaan tokko amantii Kiristoosiin deggeru ykn mormuudhaaf dandeettii murtoo erga qabaatee booda umurii itti gaafatamummaa darbee jira jedhama. Yaada Chaarlis Ispaarjii, “mucaan waggaa shanii akkuma nama guddaatti dhugumaan fayyuu fi haaromfamuu danda’a” kan jedhu ture.
Kan armaan olii yaada keessa galchuun kanas ilaalaa. Duuti Kiristoos dhala namaa hundumaaf gahaa ta’ee dhiyaateera. Yohaannis tokkoffaa 2:2 Yesus “furee cubbuu keenyaati, cubbuu keenya duwwaadhaafis miti cubbuu guutummaa biyya lafaatiifis malee” jedhee dubbata. Kutaan kun Yeesuus cubbuu warra addatti amantiidhaan gara isaa dhufan qofaaf utuu hinta’in
cubbuu hundumaaf gahaa akka ta’e ibsa. Duuti Kiristoos cubbuu nama hundumaaf gahaa ta’uun isaa, Waaqayyo kaffaltii sanas warra gonkumaa isa amanuu hin dandeenyeefis yeroo amananitti akka ooluu danda’u millisa.
Tokko tokko umurii itti gaafatamummaa fi kakuu saba Israa’elii fi GOOFTAA gidduu jiru walitti dhufeenya akka qabu hubatu. Kunis dhqana qabaa umrii waggaa saddeettaffaatti raawwatamu malee (Seera Ba’uu 12:48–50; Lewwoota 12:3) dhiirri tokko kakuu sana keessatti haammatamuuf ulaagaan biraa akka hinjirre isa kaa’udha.
Gaaffiin ka’u tooko, “Haalli Kakuu Moofaa hunda hammatu waldaa irratti ni hojjetaa?” kan jedhudha. Guyyaa Pheenxeqoosxee Phexros akkas jedhe, “Yaada garaa keessanii geeddaradhaa; cubbuun keessan akka isinii dhiifamuuf, tokkoon tokkoo keessan maqaa Yesus Kiristoositiin cuuphamaa; kennaa hafuuraa qulqulluus nifudhattu. Abdiin waaqayyo Abdachiise isinii fi ijoollee keessaniif, warra fagaatanii jiraniif waaqayyo keenya gooftichi itti waamu hundumaafis” (HoE 2:38–39, NAS). Jechi ijoollee jedhu asitti (Afaan Giriikiitiin Teknos) jedhu hiikti isaa “mucaa, intala, ilma.” jechuudha. HoE 2:39 irrattis dhiifamni cubbuu nama tokkoo fi nama hundumaaf dhaloota dhufu dabalatee akka ta’e agarsiisa. Fayyina fayyina maatii ykn kan manaa akka ta’e hin barsiisu. Ijoolleen warra qalbii diddiirrataniis akkuma kana qalbii jijjiirrachuun dirqama ture.
Kutaan biraa mata duree kana waliin walqabatu kutaa 2 Saamu’eel 12:21–23 irratti barreefame dha.
Yaadni kutaa kanaa, Daawit Mootichi Baat-Sheebaa wajjin ejja raawwachuu isaatiifi kanarraa kan ka’e isheenis ulfaa’uu isheeti. Sababa cubbuu isaatiin, Gooftaan daa’ima sana du’aan akka fudhatu Daawitiif akka beeksisuuf Gooftaan Raajichi Naataanin ergame. Daawit mucaa sanaaf gaddee kadhate. Garuu erga mucaan du’aan fudhatamee booda Daawit gadduu dhiise. Hojjettoonni Daawit kana dhaga’anii ajaa’ibsiifatan. Isaanis Daawit mootichaan, “Wanti ati goote kun maali? Osoo mucaan lubbuun jiruu hinsoomtes hinadditesi; mucichi yommuu du’u garuu kaatee nyaata nyaatte.” Deebiin Daawit kenne, “Utuu mucichi lubbuun jiruu soomeen boo’e; sababiin isaas, eenyu beeka, WAQAYYO mucichi akka hinduune nigodha jedheen ture.Amma garuu mucaan du’eera, Maaliifan soomaree? Amma mucaaa kana deebisee fiduu nan danda'aa? Anatu gara isaa nan dhaqa malee, inni garuu gara kootti dhufuu hin deebi’u.” jedhe. Deebiin Daawit kan agarsiisu warri amanuu hin dandeenyellee Gooftaa keessatti fayyina argachuu danda’uuisaaniiti. Daawit gara mucaa sanaa deemuu akka dandaʼu garuu mucaan sun gara isaatti deebi’ee dhufuu akka hin dandeenye dubbateera. Akkasumas, Daawit amantaa kanaan kan jajjabeeffame fakkaata ture. Kana jechuun, Daawit ilma isaa daa’imaa (samii irratti) nan arga jedhee waan amaneeef fakkaata ture. Waaqayyo aarsaa cubbuu Kiristoos warra amanuu hin dandeenyeef oolchuu kan danda’u ta’us, Macaafni Qulqulluun garuu kana akka godhu addatti hin dubbatu. Kanaaf, yaada kanarratti hirkachuun ykn cimsinee rarra’uu akka hinqabnedha. Waaqayyo du’a Kiristoos warra amanuu hin dandeenye irratti akka jaalalaa fi araara isaa wajjin walsimutti hojiirra waan oolchu fakkaata. Waaqayyo kaffaltii cubbuu Kiristoos daa’immanii fi warra sammuudhaan miidhaman irratti hojii irra akka oolchu ni amaanna. Isaanis
Waa’ee cubbuu isaanii fi barbaachisummaa Fayyinaa hubachuuf dandeettii sammuu waan hin qabneefi dha. Garuu ammas yaada kana irratti hirkachuu hin dandeenyu.
Waa’een jaalala, qulqulluumma, gara laafummaa, qajeelummaa waaqayyo garuu mirkana’aadha. . Wanti Waaqayyo godhu hundi yeroo hundumaa sirrii fi gaarii dha, nu caalaas ijoollee ni jaallata.
English
Ijoollewwanii fi daa'imman xixiqqoo yeroo du'an maaltu isaan mudata? Waa’ee umrii itti gaafatamummaa kutaa kitaaba qulqulluu keessaa bakka kamitti argachuu danda’a?