settings icon
share icon
Gaaffii

Waaqayyo dhugadhumaa? Waaqayyo dhugaa akka ta’e akkamiinan sirriitti beekuu danda’aa?

Deebii


Waaqayyo dhugaa akka ta’e ni beekna sababni isaas inni karaa sadiitiin ofii isaa nuuf mul’iseera: Uumamaan, sagalee isaatiin akkasuma karaa ilma isaa, Yesus Kiristoos.

Karaan ittiin jiraachuu Waaqayyoo ittiin mirkaneeffannu salphaadhumatti waanta inni hojjeteedha. “Bifni isaa ijaan hin argamne; garuu humni isaa inni bara baraa waaqayyummaan isaa eergi biyyi lafaa uumamee jalqabee waan inni uume irratti qalbifatamee yaadatti argamuu ni danda’a; kanaafis waan itti qabatan hin qaban” (Roomaan 1:20). “Bantiiwwan waaqaa ulfina waaqayyoo himaa jiru, wanti bantii waaqaa jalaan mul’atus hojii harka isaa in labsa” (Faarsaa 19:1).

Yoo sa’atii harkaa bakkee keessatti argatte, inni akkuma tasa eessumatti iyyuu “mul’ate” jettee hin yaaddu yookiin inni yeroo hunduma jira jettee. Booca sa’atii harkaa irratti hundaa’uudhaan, inni kan isa booce akka jiru yaadda. Garuu addunyaa nannaa keenyaa kanaaf dogoggoramaleessummaa fi booca guddaatu caalaatu jira. Lakkaa’uun yeroo kan inni irratti hundaa’ee sa’atii harkaa keenya irratti utuu miti, garuu hojii Waaqayyoo irratti- naanna’uu lafaa yeroo hundumaa irratti. Wayyabni saxaxa guddaa agarsiisa, inni kunis kan saxaxe guddaan akka jiru falma.

Ergaa icitiin dabarfame yoo argatte, ergaa icitii isana cabsuudhaaf yaalta. Tilmaammiin kees kan ergaa kana erge kormeen tokko akka jirudha. Ergaa iccitiin DNA akkam walxaxaadhaa kan nuyi lubbiyyoo (cell)qaama keenyaa hundumaa keessatti baannee jirru? Walxaxaa ta’uun fi barbaachisummaan DNA ergaa iccitii ta’ae kan dabarse barreessaan kormeen tokko akka jiru hin falmuu?

Waaqayyo adunyaa ijaan ilaalamu kana walxaxaa fi kan gaariitti sirroofte duwwaa godhee hin uumne; hawwii wanta bara dheeraa booddee ta’u beekuus gara namaa keessatti kaa’eera(Lallaba 3:11). Sanyiin dhala namaa ijaan arguu caalaa jireenyaaf caalaan akka jiru akkaataa waanta tokko itti hubatani wajjin dhalate, aadaa biyya lafaa kana caalaa jireenyi caalu akka jiru. Bara baraaf kan nutti dhaga’amu kan mataa isaa mulisa yoo xiqqte karaa lamaan: Seera tumuu fi waaqaeffannaa.

Uummanni kami iyyuu seenaa keessatti seera safuu amma ta’e kan ulfina qabeessa ta’e qaba, karaa nama dinquudhaan adaa fi adaa gidduutti kan walfakkaatan. Fakkeenyaaf, yaadi jaalalaa guutummaatti kan kabaja qabuudha, garuu immoo hojiin sobaa guutummaatti kan faradamedha. Safuun waliigalaa kun-hubannoon hamaa fi gaarii kan addunyaa guutuu- safuu kan qabu olaanaa kan ta’e kan waa gargar baafachuu akkasii nuuf kenne akka jiru agarsiisa.

karaa tokkichaan, namoonni guutumma addunyaa irra, adaaf xiyyeeffannoo utuu hin laatin, yeroo hundumaa sirna waqeeffannu walitti dhufeenya qabu qabu. kan waaqeffammu tarii gara gara ta’uu danda’a, garuu “humna olaanaan” namatti dhaga’amuun kan ganuu hindanda’amne kutaa nama ta’uuti. Waaqeffannaaf fhediin waanta tokko gochuu keenyaa dhugaa Waaqayyo “akka fakkenyaa isaatti” nu uumuu isaatii wajjin walii gala (Seera Uumamaa 1:27).

Waaqayyos mataa isaa karaa sagalee isaa, Macaafa Qulqulluu, nutti mul’iseera. Caaffata qulqullaa’oo keessatti, Waaqayyo akka dhugaa ofiin kan of mirkaneessutti kan kaa’amee jiru (Seera Uumamaa 1:1; Seera Ba’uu 3:14). Namni tokoo seenaa mataa isaa yeroo barreessu akka jira tiretti of mul’isuudhaaf yeroo isaa hin balleessu. Akkasuma Waaqayyo macaafa isaa keessatti ofii isaa jiraachuu isaa mirkaneessuudhaaf yeroo isaa hin balleessu. Amanlli jireenya jijjiru kan Macaafa Ququlluu, amanamummaa isaati, dinqiin barreeffamuu isaa duukaa turanis ariifannaadhaan ilaaluu mirkaneessuudhaaf ga’adha.

Karaan sadaffaan Waaqayyo ofii isaa mul’ise karaa ilma isaa, Yesus Kiristoos (Yohaannis 14:6-11). “Sagalichi jalqaba waan hundumaa dura ture; sagalichi Waaqayyo bira ture sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture. sagalichi nama foonii ta’ee nu gidduus buufate. Ulfina isaa isa ayyaanaa fi dhugaadhaan guutames argine ulfinni isaas isa ilmi tokkichi abbaa isaa irraa argatu ture (Yohaannis 1:1,14; dabalataanis Qolaasaayiis 2:9 ilaali).

Jireenya dinqisiisaa Yesuus keessatti, Inni seera kakuu Moofaa giuutumma isaa sirriitti eegee raajii Masihicha ilaalchisee dubbatames raawwatte (Maatewoos 5:17). Gaarumma lakkoofsaan gararraa fi mallattoo nama duratti hojjete ergaa isaa mirkaneessuu fi waaqayyummaa isaatiif dhugaa ba’uudhaaf (Yohaannis 21:24-25). Achumaan ajjeefamuu uisaa guyyaa sadii booda, du’aa ka’e, dhugaa namoota dhibbeentaan lakkaa’aman kan ijaan argan (1 Qorontoos 15:6). Galmeen seenaa “mirkaneeffannoodhaan” kan guuteedha. Akkuma ergamaan Phaawuloos jedhetti, “kana hundumaa keessaa waanta suuqatti hojjetame waan hin ta’iniif” (Hojii Ergamootaa 26:26).

Yeroo hundumaa kan shakkan akka jiran ni yaadna Waaqayyoon ilaalchisee yaada mataa isaanii kan qaban kana ilaalatees haaluma kanaan raga ni dubbisna. Ragaan ammamii ilee kan jara hin amansiifne namoonni murtaa’an jiraatu (Faarsaa 14:1). Hundu amantiidhaan gara isaatti dhiyaata (Ibroota 11:6).

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Waaqayyo dhugadhumaa? Waaqayyo dhugaa akka ta’e akkamiinan sirriitti beekuu danda’aa?
© Copyright Got Questions Ministries