settings icon
share icon
Gaaffii

Waaqayyo jaalala jechuun maal jechuudha?

Deebii


Macaafni Qulqulluun akkaataa itti jaalala agarsiisu mee haa ilaallu, isaan booda karaa muraasa waa xiqqoo ni ilaalla kan Jaalalli amala Waaqayyo itti ta’e ilaalla. “Jaalalli danda’aadha, gaarummaas in agarsiisa, jaalalli hin inaafu of hin jeju, waan isatti tolu duwwaas hin barbaadu, hin dallanu, waan hamaas nama irratti hin lakkaa’u. Jaalalli qajeelina dhugaattu gammada malee jal’inatti hin gammadu jaalalli karaa tokko illee nama hin lafafu, hundumaa isaa ni amana hunduma isaa adabata hunduma isaa obsa. Jaalalii yoom iyyuu hin badu ” (1 Qorontoos 13:4-8a). Kun ibsa Waaqayyoo kan jaalalaati, sababn isaa Waaqayyo jaalala (1 Yohaannis 4:8) inni kun kan inni fakkaatuudha.

Jaalalli (Waaqayyoo) nama kamiinuu irratti dhiibbaa hin taasisu. Jarreen gara Isaa dhufan jaalala isaatiif deebiidhuma akkasii laatu. Jaalalli (Waaqayyoo) hundumaaf gaarummaa agarsiisa. Jaalalli (Yesus) nama hundumaadhaaf loogii malee gaarii gochuu barbaada. Jaalalli (Waaqayyoo) kan namoonni kan biraa qabu hin hawwu utuu mormii malee jireenya of gad deebise jiraata. Jaalalli (Yesus) fooniin eenyuun akka turee of hin tuulu, ta’us inni nama gara isaa dhufe kamiinu moo’uu danda’a. Waaqayyo Ilma isaa irraa abboomaamuu hin gaafatu garuu, sana mannaa, Yesus fedhii isaatiin Abbaa isaa isa Waaqa irraaf abboomame. “Garuu ani Abbaa jaala’achuu koo akka abboommii abbaan anaa kennettis hojjechuu koo biyyi lafaa haa beeku” (Yohaannis 14:31). Jaalalli (Yesus) yeroo hundumaa gara fedhii namoota kan biraa eega ture/eegas.

Jaalalli Waaqayyoo inni guddaan kan nutti mul’ate Yohaannis 3:16 keessatti ibsame: “Waaqayyo akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee haa baduuf miti.” Roomaa 5:8 eergaa gosa tokkicha dubbata “Waaqayyo garuu utuma nuyi cubbamoota taanee jirru, Kiristoos nuuf du’uu isaatiin ammam akka nu jaallate ni agarsiisa.” Waraabbiilee kana irraa Smii irratti Mana jireenyaa isaa isa kan bara baraatti isaa wajjin wal arguun keenya fedhii Waaqayyoo isa guddaa akka ta’e ilaaluu dandeenya. Cubbuu keenyaaf gatii kafaluudhaan karichi akka danda’amu taasise. “Cubbuu keenya yoo isatti himanne inni amanamaa fi qajeelaa waan ta’eef cubbuu keenya nuuf hin dhiisa jal’ina keenya hundumaattiis nu qulleessa” (1 Yohaannis 1:9).

Kanaaf, Waaqayyo jaalala jechuun maal jechuudha? Jaalalli amala Waaqayyooti. Amala Waaqayyoo keessaa jaalalli waanta ijoodha, eenyummaa isaa. Jaalalli Waaqayyoo qulqulluummaa isaa, qajeelina isaa, haqa isaa, yookiin dheekkamsa isaatiin illee alatti hiika hin qabu. Amalli Waaqayyoo hundinuu waliin adeemu. Waanti Waaqayyo hojjetu kam iyyuu jaalalaan, akkuma waanti inni hojjetu hundinuu siriifi dhugaadha. Jaalala dhugaa dhaaf Waaqayyo fakkeenya isa gaariidha. Kan nama dinqu, Waaqayyo warra Ilma isaa Yesusiin akka fayyisa dhuunfaa jaraatti simataniif akkuma isaa akka jaal’ataniidhaaf karaa humna Hafuura Qulqulluutiin dandeettii kennaaf.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Waaqayyo jaalala jechuun maal jechuudha?
© Copyright Got Questions Ministries