settings icon
share icon
Gaaffii

Waaqayyummaan Kiristoos Macaafa Qulqullu irraati?

Deebii


Isa Yesus waa’ee ofii isaa dubbate irratti dabalee, bartoonni isaa akka inni Waaqayyoon ta’e beekaniiru. Inni akka cubbuu dhiisuudhaaf aboo qabu dubbataniiru- isa Waaqayyo duwwaan hojjechuu danda’u- akka Waaqayyo cubbuutti kan isa gaddisiisu(Hojii Ergamootaa 5:31; Qolaasaayis 3:13; Faarsaa 130:4; Ermiyaas 31:34). Dubbii isa dhumaa kanaan kan walitti dhiyeetu, Yesus mataan isaa kan “warra jiraniif warra du’antti faraduuf kan jiru” ta’uu isaa dubbateera (2 Ximotewos 4:1). Tomaas Yesusitti, “Gooftaa koo Waaqayyo koo” jedhee iyye (Yohannis 20:28). Phawuloos, “Yesus Kiristoos Waaqayyo keenya isa guddicha” jedhee wame (Tiitoos 2:13) akkasuma foon uffatee uttuu hin dhalatin duras akka “bifa Waaqayyuummaatiin akka ture” tuqeera (Filiphisiiyus 2:5-8). Waaqayyo abbaan ilma isaa ilaallatee akkas jedheera, “Teessoon kee yaa Waaqayyo baraa hamma baraatti” (Ibroota 1:8). Yohannis, “Sagalichi jalqaba waan hundumaa dura ture; sagalichi[Yesus] Waaqayyo bira ture sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture. sagalichi nama foonii ta’ee nu gidduus buufate” jechuun kaa’a. Kiristoos akka Waaqayyo ture kan barsiisan caaffattoonni qulqullaa’oonis jiru fakkeenyaaf (Mul’ata Yohannis 1:17, 2:8, 22:13; 1 Qorontoos 10:4; 1 Pheexroos 2:6-8; Farsaa 18:2, 95:1; 1 Pheexroos 5:4; Ibroota 13:20 ilaali), garuu Ysus warra isa hordafan biratti akka Waaqayyoon ta’e beekuudhaaf waraabbiilee kanneen keessa tokko iyyuu ga’aa dha

Yesus ammas maqaa adda ta’e kan kakuu Moofaa keessatti YHWH(maqaa Waaqayyoo) kennamu kennameeraaf. “Fayyisaa” Kakuu Moofaa, (Faarsaa 130:7; Hose’aa 13:14) kakuu Haaraa keessatti Yesusif itti fayyadamameera (Tiitoos 2:13; Mul’ata Yohannis 5:9). Yesus Amaanu’el “Waaqayyo nuu wajjin” jedhamee waamameera –Maatewoos 1 keessatti. Zakkaariyaas 12:10 keessatti, inni YHWH dha kan, “isaanis isa waaraanan sana ni ilaalu” jedhe. Garuu Kakuu Haaraan fannifamuu Yesusitiif fayyadama (Yohannis 19:37; Mul’ata Yohannis 1:7). Yoo inni YHWH isa waraanamee fi ilaalme ta’e, Yesus isa waranaamee fi ilaalamee dha, kanaaf Yesus YHWH dha. Phaawuloos Isaayaas 45:22-23 Yesusiin akka ilaallatutti hiika Philiphiiyuus 2:10-11 keessatti. Kana darbees maqaan Yesus kadhata keessatti Abbaa wajjin wal cinatti itti gargaaramameera, “Waaqayyo abbaa keenya Gooftaan keenya Yesus Kiristoosis ayyaana, nagaas siniif haa kennu” (Galaatiyaa 1:3; Efesoon 1:2). Utuu Kirstoos Waaqayyoon hin taane kun hunduu arabsoo ta’a ture. Maqaan Yesus Kan Waaqayyoo wajjin caqasameera yeroo cuubbaadhaaf Yesus ajaje, “Maqaa [maqoota hin jedhu] Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluutiin” (Maatewoos 28:19;dabalataan 2 Qorontoos 13:14 ilaali).

Kan Waaqayyo duwwaan hojjetamuu danda’u Yesusiifis kennamaniiru. Yesus du’aa duwwaa hin kaafne (Yohaannis 5:21, 11:38-44) cubbuu qofa hin dhiifne (Hojii Ergamootaa 5:31, 13:38), wayyaba kana huumee akka jiraatus taasiseera (Yohaannis 1:2; Qolaasayiis 1:16-17). Kun duwwaan illee ifa ta’uu danda’a yeroo namni tokko inni YHWH dha yeroo umaamni uumames ture jedhee yoo amane (Isaayaas 44:24). Dabalataanis Kiristoos amala Waaqayyo duwwaan qabaachuu qabu qaba: bara baraan jiraachuu (Yohaanis 8:58), bakka hundumatti argamuu (Maatewoos 18:20, 28:20), hunduma beekuu (Maatewoos 16:21), fi hundumaa danda’uu (Yohaanis 11:38-44).

Amma, Waaqayyoon ta’uudhaaf dubbachuun waan tokko yookiin akka dhugaa ta’e namni tokko akka amanuudhaaf gowwomsuun, akka inni ta’e guutummaadhaan mirkaneessuudhaaf ammas waanti tokko ni hafa. Kiristoos akka Waaqayyo ta’e dubbachuu isaa mirkaneessuudhaaf dinqiiwwan tokko tokko raawwateera, dinqii Yesus raawwate keessaa muraasni, bishaan gara daadhii wayiniitti geeddareeruu isaa dabalatee (Yohannis 2:7), bishaan irra deemuu (Matewoos 14:25), waa baay’isuu (Yohannis 6:11), jaamaa fayyisuu, (Yohannis 9:7), naafa fayyisuu (Mark 2:3), dhukkubsataa fayyisuu (Matewoos 9:35; Marqoos 1:40-42), akkasuma namoota du’an du’aa kaasuu (Yohannis 11:43-44; Luuqaas 7:11-15; Marqoos 5:35). Kana caalaas Kistoos mataan isaa du’aa ka’eera. Akka warreen waaqa ofiin jedhan waaqolii ormaa du’anii du’aa ka’an akka jedhamuu, amantaa kan biraa keessatti kan akka du’a ka’uu jabeesse dubbatame hin jiru, can biraas kan caffata qulqula’oodhaan ragaa qabu kan dubbatamu hin jiru.

Seenaadhaan kan dhugoomfame waantoota 12 tu jiru kan kiristaanota hin taane beektoonni ajiifatoonni illee kan amanan.

1. Yesus fannifamee du’e.
2. Inni awwaalamee ture.
3. Duuti isaa bartoonni akka abdii kutaniif akka dhiphatan isaan taasise.
4. Guyyoota muraasa booda boolli isaa duwwaa ta’ee argamee ture.
5. Bartoonni akka inni du’aa ka’e mul’ate arguu isaanii amananiiru
6. Kana booda, bartoonni shakkii iraa gara amantoota ija jabeeyyiitti geeddaraman.
7. Ergaan kun bu’uura lallaba waldaa ishee ganamaa ture.
8. Ergaan kun Yersuusalemitti lallabameera.
9. Lallaba kanaa irraa kan ka’e, waldaan dhalatte guddatte.
10. Guyyaan du’aa ka’u Dilbatin, Sanbata bakkaa bu’e akka guyyaa waaqeffannaatti isa jalqabaatti.
11. Yaaqoob inni shakkaa ture, ni geeddarame yeroo Yesus du’a ka’uu isaa argu ni amane.
12. Phawuloos, diina kiristaanummaa kan ture, Yesus du’a ka’ee akka isatti mul’ate arguu isaatiin ni jijjiirame.

Utuma namni tokko illee kanneen caqasaman kan irrati waa dabalee, du’aa ka’uu mirkaneessuudhaaf fi waangeela hundeessuudhaaf muraasin duwwaan ni barbaachisu: Duuti Yesus, awwaalamuun isaa, du’aa ka’uun isaa fi mul’achuun isaa (1 Qorontoos 15:1-5). Yoo ta’es, kan tilmaamaaman muraasni jiru tokko yookiin lama dhugaalee gara oliitti caqasne kana ibsuudhaaf, garuu du’a kauun duwwaan hunduma jaraaf ibsa ta’uu danda’a. Ajiifatoonni Kiristoos ka’uu isaa bartoonni isaa akka argan ni amanu. Sobnis ta’e abjuun yookiin waanta hin jirre arguun namoota sodaan guutuu ta’an jijjiiree akka ija jabaatan taasisuu hin danda’u karaa du’aa ka’uun isaan taasise. Jalqaba, maal argachuudhaaf qabu turanii? Kirstaanummaan beekamtummaa kan qabu hin turre, akka jarri qarshii itti argatanis kan jara garagaaru miti. Lammaffa irratti, sobuun namni tokko akka gaariitti wareegamu isa hin taasisu. Bartoonni isaa amantii iaaniitiif akka du’a rifaasisa du’udhaaf fedhii akka qabaatan kan isaan taasise du’aa ka’uu yoo ta’e malee kan caala ibsu hin jiru. Eeyyee namoonni heedduun ni du’u, garuu namoonni waanti jarri du’aniif dhugaa ta’uu isaa utuu hin hubatin hin du’anu.

Xumura irratti, Kiristoos inni akka YHWH ta’e dubbateera, inni Waaqayyoon akka ta’e (akka “waaquma tolfamaa “tokkoo miti garuu Waaqayyo isa dhugaa tokkicha); duukabuutonni isaa (Yihudonni waaqa sobaatiin kan sodaachifamaa turan) isa amananii inni akka Waaqayyoon ta’etti agarsiisan. Kiristoos karaa mal’attoowan hojjetee Waaqayyummaa isaa agarsiiseera, du’a ka’uu biyya lafaa jijjire dabalatee. Yaadi namaa kam iyyu isa kana ibsuu hin danda’u. Eeyyee Waaqayyummaan Kiristoos Macaafa Qulqulluu irraa kan ta’edha.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Waaqayyummaan Kiristoos Macaafa Qulqullu irraati?
© Copyright Got Questions Ministries