settings icon
share icon
Gaaffii

Waldaa kristaanaatti argamuun maaliif fayyadaa?

Deebii


Macaafni qulqulluun kristaanaatti argamuun akka nurra jiru nuti hima, amantoota biroo dhaa wajjin Waaqayyoof waaqessuu akka dandeenyuu fi guddina jireenya afuuraa keenyaaf sagalee isaa barachuu akka dandeenyuu (Hojii Erhgamotaa. 2:42, Ibroota 10:25). Waldaan kiristaanaa amantootni wali walii isaani bakka itti jaallatanii dha (1 Yoha 4:12) wali walii isaani bakka itti wal jajjabeesan (Ibi 3:13) wali walii isaani 'kan itti wal dadammaqsan (Ibi 10:24) wali walii isaani bakka itti wal tajaajilan (Galaa 5:13), wali walii isaani bakka itti wal hifatan (Roome 15:14), wali walii isaani bakka itti wal kabajan (Room 12:10) wali walii isaanii gaarummaadhaa fi waliif gadduudhaan kan deddeebi'anii dha (Efe 4:32).

Namni tokkoo Yesuus Kristoositti fayyinaaf yeroo amanuu isheen/inni qaama Kristoos ta'u (1 Qoro 12:27). Qaamni waldaa Kristaanaa akka ta'utti akka hojjeetuuf hundumti isaa fi 'buusaa qaamaa' argamuutu irra jiraata (1 Qoro 12:14-20). Akkuma kana amanaan tokko gara bilchina afuuraa guutummaati geesisuu hin danda'u, yoo jiraate amantootni biraan degersaa fi jajjabina (1 12:21-26). Sababa kanaatiin waldaan kiristaana argamuu, hirmaachuu, fi tokkummaa jireenya amanaa irratti roga dhaabbataa ta'uutu irra jiraata. Torban waldaa kiristaanaatti argamuu amantootaaf hiika kan qabu 'barbaachiisaa' qofa miti haa ta'uu malee kan Kristoos kan ta'e Waaqayyoon waaqessuudhaaf, sagalee isaa fudhaachuu fi kan biro wajjin tokkummaa gochuuf fedhii qabaachuutu irra jiraata.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Waldaa kristaanaatti argamuun maaliif fayyadaa?
© Copyright Got Questions Ministries