settings icon
share icon
Gaaffii

Yesus gaafa guyyaa Jimaataa du'e?

Deebii


Yesus guyyaa kam akka ajjeefame Macaafni Qulqulluun adda baasee hin dubbatu. Ilaalchi lamaan baay'ee geggeefamu Jimaataa fi Roobii dha. Kaan, ta'us, falmii jimaataa fi Roobii walitti fidanii, guyyichi Kamisa akka ta'e agarsiisu.

Yesus Maatewoos 12:40 keessatti, 'Akkuma Yoonaas garaa qurxummii isa guddichaa keessa guyyaa sadii fi halkan sadii ture ilmi namaas guyyaa sadii fi halkan sadii garaa lafaa keessa turuuf jira' jedhe. Fannnifamuun Jimaata akka ta'e kan falman karaan inni guyyaa sadii fi halkan sadii boolla keesa ture sirriidha jedhu. Akkaataa Yihudootaatti jaarraa jalqabaatti, walakkaan guyyaa akka guyyaa guutuutti fudhatama. Yesus walakkaa guyyaa Jimaataatiif boollaa keessa erga ture, Sanbata duraa guutuu fi walakkaa Dilbataa- inni guyyaa sadiif guutuuf akka boolla keessa ture ni ilaalama. Jimaataaf falmii inni angafni guddaan Maarqoos 15:42 keessatti argama, Yesus 'guyyaa Sanbata dura' akka ajjeefamee ture kan kaa'u. Inni Sanbata isa torbanii turee, fakkeenyaaf, Sanbata duraa, dhugaan isaa gara Jimaatin guyyaa fannifamuu isaa akka ta'etti nama geessa. Falmiin garri biraan kan Jimaataa kan jedhu waraabbiileen kan akka Maatewoos 16:21 fi Luuqaas 9:22 Yesuus gaafa guyyaa sadaffaatti akka du'aa ka'u barsiisu; sababa kanaatiif, guyyaa sadii fi halkan sadii guutuu boolla keessa turuun isa hin barbaachisu jedhu. Garuu, hiikoon tokko tokko waraaabbii kanaaf 'gaafa guyyaa sadaffaa' kan jedhutti gargaaramu hunduu isa kana hin godhan, tokkoon tokkoon jaraa hiika inni 'gaafa guyyaa sadaffaa' jedhuu waraabbi kana hiikuudhaaf karaa sirrii akka ta'e walii hin galanu. Sana irra dabalee, Maarqoos 8:31 Yesus guyyaa sadii 'boodda' akka du'aa ka'u dubbata.

Falmiin Kamisaa ilaalcha Jimaataa irratti babl'ata keessattuu ta'umsi heedduun akka jiranis falma (kaan akka digdamaa ta'an) awwaalamuu Kiristoos fi Dilbata ganama gidduutti kan ta'an Jimaata galgalaa kaasee hanga Dilbata ganamaatti kan ta'an. Ilaalcha Kamisaa kan deeggaranu keessattuu akka rakkinaatti kan kaasanu yeroo guyyaan inni guutuun Jimaataa fi Dilbata gidduu Sanbat-duraa qofa ta'edha, innia Sanbata Yihudotaa. Guyyaan dabalataa yookiin rakkinicha xiqqeessuudhaaaf. Kamisa kan deeggaranu kana dababeeffachuu danda'u: Wixata ganamaa kaastee michuu kee akka hin arginetti yaadi. Yeroo isa ittaanutti Kamisa ganama argite akkas jetteenis, 'goyyoottan sadiidhaaf si hin agarre' ta'us inni sa'a 60 qofa (guyyoota 2.5). Yesus gaafa Kamisaa ajjeefameera taanaan fakkeenyi kun akkamiin akka guyyoota sadii ta'uu danda'u agarsiisa.

Roobiidha yaada jedhu kan qaban immoo gaafa torbee sanaa Sanbata lamatu turan jedhu. Isa duraa booda (tokko isa gaafa ajjeefamuu isaa galgalaa ta'e [Maarqoos 15:42; Luuqaas 23:52-54]), dubartoonnni urgooftuu sana bittuun jaraa bittaa isaanii kan geggeessan Sanbata booda ta'uu isaa agarsiisa (Maarqoos 16:1). Ilaalchi guyyaa Roobii 'Sanbanni' kun ayyaana Faasikaa akka ta'etti waliigala (Seera Lewootaa 16:29-31, 23:24-32, 39 ilaali bakka ayyaanni qulqullaa'oon warri gurguddaan dirqama sanbata isa torbee torbeedhaan dhufu ta'uu hin qabne). Sanbannni inni ittaanu kan torbee sanaa Sanbaata isa torbeedhuma sanaa ture. Luuqaas 23:56 ilaali, dubartoonni warri urgooftuu sana bittanii turan Sanbata isa duraa booda deebi'anii urgooftuu sana qopheessaniiru, sana booda 'gaafa Sanbataa boqottanii' (Luuqaas 23:56). Falmichi kun jarri Sanbata booddee urgooftuu bitachuu akka hin dandeenye dubbata, urgoofticha illee Sanbatinni utuu hin ga'in dura qopheessu-Sanbanni lama jiraachuu yoo dhabaatan. Ilaalcha Sanbata lamaatiin, Kiristoos gaafa guyyaa Kamisaa fannifame, achumaan Sanbatini inni guddichi (ayyaana Faasikaa) Kamisa yeroo aduun lixxu kaasee Jimaata yeroo aduun lixxutti xumuramuu qaba- jalqaba Sanbata isa kan torbee yookiin Sanbat-duraa. Sanbata isa jalqabaatti (ayyaana Faasikaa) dura urgooftuu bituun jarri boqonnaa Sanbataa gidduutti gaafa Sanbat-duraa bitan jechuun ni danda'ama.

Sababa kanaatiif, akkaataa ilaalcha warra guyyaa Roobiitti, ibsi inni tokkichi kan galmee Macaafa Qulqulluu kan urgooftuutii fi dubartootaatiin hin mormu hubannaa jechumaa jechatti ta'e Mateewoos 12:40 wajjinis walii gala, Kiristoos gaafa guyyaa Roobii akka ajjeefamee ture. Sabanni inni ayyaana inni guddaan (Faasikaan) gaafa Kamisaa ta'e ture, dubartoonni orgooftuu sana (sana booddee) gaafa guyyaa Jimaataa bitan guyyaadhuma sana deebi'anii urgooftuu sana qopheessan, gaafa Sanbat-duraa boqotan, isa Sanbata kan torbanii ta'etti, achumaan urgooftuu sana Dilbata ganama gara awwaalaa fudhatanii dhufan. Yesus gaafa Roobii yeroo aduun lixxuuf jettutti awwaalamee ture, akkaataa gabatee yeroo kan Yihudotaatti Kamisatti kan lakkaa'amutti. Gabatee yeroo yookiin kalaanderii Yihudotaatti gargaaramuudhaan Kamisa galgala qabda (galgala tokko), Kamisa guyyaa (guyyaa tokko), Jimaata galgala (galgala lama), Jimaata guyyaa (guyyaa lama), Sanbat-duraa galgala (galgala sadii), Sanbat-duraa guyyaa (guyyaa sadii). Yeroo inni itti ka'e yeroo isaa sirriitti hin beeknu, garuu Dilbata utuu hin bar'in dura akka ta'e ni beekna (Yohaannis 20:1, Maariyaam Magdalittiin 'utuu dukkanaa'ee jiruu' dhufte), kanaaf Inni barii akkuma lixa aduu booda Sanbat-duraa galgala ka'uu danda'a, isa torban Yihudootaatiif guyyaa isa duraa eegalutti.

Ilaalcha guyyaa Roobii irratti rakkina ta'uu kan danda'u duukabuutonni karaa Emaa'us irra Yesusii wajjin deemaa turan du'aa kaafamuu isaatii wajjin 'guyyaadhuma tokkicha' ture (Luuqaas 24:13). Duukabuutonni, kan Yesusiin hin hubanne, waa'ee ajjeefamuu Yesus itti himan (24:31) 'kun erga ta'es har'i guyyaa sadaffaa isaati' jedhaniin (24:22). Roobii kaasee hanga Dilbataatti guyyoota afuri. Ibsi ta'uudhaaf qabu jarri tarii Roobii galgalaa kaasee lakkaa'aniiti ta'a awwaalamuu Kiristoosi kaasanii, isa Kamisa Yihudootaa jalqabu, kanaaf Kamisaa jalqabee hanga Dilbataatti akka guyyoota sadiitti lakkaa'amuu danda'a.

Buu'uura waantota kanaatti, torban sana keessaa gaafa guyyaa kamii akka du'e ture beekuun amma kana barbaachisaa miti. Inni waanta baay'e barbaachisaa utuu ta'eera ta'e, ittaansuun sagaleen Waaqayyoo ifatti guyyicha nuuf kenna ture. Kan barbaachisaa ta'u inni du'eera dhagna isaatiinis warra du'an keessaa kaafameera kan barbaachisaa ta'e sababaa inni du'e dha-adabbii cubbamoonni hundi isaanii ta'uf fudhachuudhaaf. Yohaannis 3:16 fi 3:36 lamaanuu isatti amanuun jireenya bara baraa akka namaa argamsiisuu labsu! Inni yoo Roobii, Kamisa, yookiin Jimaata du'eera ta'es kun waluma qixxee sirriidha.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Yesus gaafa guyyaa Jimaataa du'e?
© Copyright Got Questions Ministries