settings icon
share icon
Gaaffii

Yesus gara waaqaatti kan nama geessu karaa tokkichaa?

Deebii


'Ani jalqabumatti nama gaariidha gara waaqaa nan deema.' 'Haa ta'u, waanta hamaa muraasa nan raawwadha, garuu waanta gaarii heedduun raawwadha, kanaaf gara waaqaa nan deema.' Waaqayyo gara si'oolitti ana hin erguu akka Macaafa Qulqulluutti waanan hin jiraanneef. Yeroon geeddarameera!' dhugumaatti namoota hamoo kan ijoollee gudeedan fi kan nama ajjeesan duwwaatu gara si'ool dhaqa.'

Kun hundinuu kan nama amansiisan waantota beekamoodha, garuu dhugaan isaa jarri hundinuu soba. Seexanni kan biyya lafaa kana irratti moo'u yaada kana sammuu keenya keessatti biqilcheera. Inni, kan karaa isaa irra deemu kamtu iyyuu, diina Waaqayyooti. (1Pheexroos 5:8). Seexanni gowwomsituudha yeroo heedduus akka gaarii ta'e tokkootti of dhoksa(2 Qorontoos 11:14), garuu inni yaada Waaqayyoon hin taane hundumaa of jala galchee jira. 'Inni hamaan waaqayyicha bara si'anaa kanaa ta'e, yaada warra hin amaninii sanaa jaamseera;inni ifa ulfina Kiristoos Waaqayyo wangeela keessaa ibsu sana, akka hin argineef isaan dhowweera' (2 Qorontoos 4:4).

Waaqayyo cubbuu xixiqqoodhaaf dhimma akka hin qabnee fi si'ool 'namoota gadheedhaaf' qophaa'e jedhaanii amanuun soba dha. Cubbuun hundinuu Waaqayyottii addaan nu baasti, 'sobini adiin' xiqqoon illee. Hundinuu yakkaniiru hojii isaatiin gara waaqaa dhaquu kan danda'u eenyu illee hin jiru (Roomaa 3:23). Gara waaqaa dhaquun hojiin gaariin keenya hojii hamaa keenyaa waan caaleedhaaf miti; hundumti keenya ni banna yoo dhimmichi isa sana ta'e. 'Foo'amuun isaanii ayyaanaan erga ta'ee immoo, hojii isaaniitiin ta'uu hin danda'u; kanaan achi ayyanni ayyaana ta'ee jiraachuu hin danda'u!' (Roomaa 11:6). Karaa keenya gara waaqaattii argachuudhaaf waan gaarii umaa hojjechuu hin dandeenyu.(Titos 3:5).

'Karaa isa dhiphaadhaan ol gala! Karaan gara badiisaatti geessu boochoodha karri isaas bal'aadha namoonni ittiin ol galan immoo baay'eedha'(Maatewoos 7:13). Yoo namini hafe kam illee adaa Waaqayyootti amanuun amma kana beekaamaa hin taane keessatti jireenya cubbuu jiraate, Waaqayyo isa illee hin dhiisuuf. 'Isin kanaan dura irra daddarba keessanii fi cubbuu keessaniin [karaa hafuuraa] duutanii turtan yeroo sanatti isin toora biyya lafaa kanaa duukaa buutanii deddeebi'aa, aboo qilleensa keessa jiru irratti isa gooftummaa qabuuf abboomamaa turtan; hafuurichi hamaan amma namoota Waaqayyoof hin abboomamne gidduutti hojjechaa jira' (Efesoon 2:1-2).

Waaqayyo yeroo biyya lafaa uume,inni kan hanqina hin qabne fi gaarii ture. Achumaan Addaamii fi Hewaan uume fillannoo bilisa ta'e kan ofii isaaniis kenneef, kanaaf jarri Waaqayyoof abboomamuudhaa fi isa duukaa bu'uudhaaf carraa qabu. Garuu akka Waaqayyoodhaaf hin abboomamneedhaaf Seexanaan qoraman jarris cubbuutt hojjetan. Kun gargar jara qoode(nama kamiinuu kan isaan booda dhufe hunduma keenya) Waaqayyoo wajjiniin walitti dhufeenyaa gaarii akka hin qabaanneedhaaf. Inni qulqulluudhaa fi kan hanqina hin qabne cubbu irrattis faraduu qaba. Akka cubbamaatti, ofii keenyan ofii keenya Waaqayyootti araarsuu hin dandeenyu. Kanaaf Waaqayyo karaa qopheesse waaqa irratti isaa wajjiniin akka waliin jiraannuudhaaf. 'Waaqayyo akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jallate; kun immo isatti kan amanu hundinuu jireenua bara baraa haa qabaatuuf malee haa baduuf miti. (Yohaannis 3:16). Beenyaan nama cubbuu hojjetuu du'a; kennaan Waaqayyoo inni Kiristoos Yesus gooftaa keenyaa wajjin tola kennamu garuu jireenya bara baraati.' (Roomaa 6:23). Yesus cubbuu keenyaaf du'uudhaaf dhalate kanaaf nuyi du'uun nurra hiin jiraatu. Du'ee guyyaa sadii boodaa, boolla keessa ka'e ( Roomaa 4:25), du'a irratti gooftumma qabu agarsiisuudhaaf. Wal irraa fageenya namaa fi Waaqayyoo gidduu jiruuf riqicha ta'uudhaan walitti fibute kanaaf isaa wajjin walitti dhufeenya dhuunfaa qabaanna yoo amanne duwwaa.

Namoonni garri caalaan Waaqayyootti amanu, Seexanni illee. Garuu fayyina fudhachuudhaaf, gara Waaqayyootti deebi'uu qabna, walitti dhufeenyaa dhuunfaa uumuu qabna, cubbuu keenya irraa deebi'uun isa duukaa bu'uu. Waanta qabnu hundumaa fi waanta hojjennu hundumaan Yesusitti amanuutu nurra jira. 'Namni Yesus Kiristoositti amanuudhaan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa ni ta'a; kana irratti warra amanan hundumaaf garaagarummaan hin jiru.' (Roomaa 3:22). Macaafni Qulqulluun Yesus Kiristoos malee kan fayyinatti geessu karaan gara biraan akka hin jirre barsiisa. Yesus Yohaannis 14:6,irratti akkas jedhe 'karichi, dhugaan, jireenyis ana; anaan yoo ta'e malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu.'

Yesus fayyinaaf karaa isa tokkicha sababni isaas inni adabbii cubbuu keenyaa kan kaffalu isa tokkicha. (Roomaa 6:23). Amantaan kami iyyuu cubbuun gad fageenya jabaa akka qabuu fi addabbii isaa kan barsiisu hin jiru. Amantaan garri biraa kam illee cubbuuf gatii daangaa hinqabne baasuu hin laatan Yesus Kiristoos duwwaan argamsiisu kan danda'u. 'Hundeessaa amntii' kam illee kan Waaqayyo nama ta'e hin jiru(Yohaannis 1:1,14) ' karaa ittiin gatiin daangaa hin qabne kaffalame. Yesus Waaqayyo ta'uutu irra jira kanaaf idaa keenya kaffaluu danda'a. Yesus nama ta'uutu irra ture du'uudhaaf. Fayyini kara Yesus Kiristoositti amanuu duwwaatiin argama! 'Fayyinni Yesus Kiristoos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru; maqaabn kan biraa ittiin fayyuun kan ta'u, waaqa jelaa ilmaan namootaatiif kan kenname' (Hojii Ergamootaa 4:12).

Sababa waantota bakka kanatti dubbisteef Kiristoosiif waanta murteeffatte qabdaa? kana taanaan, maaloo, kolbaa isa 'An har'a Kiristoosiin simadheerra' jedhu tuqi.
English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Yesus gara waaqaatti kan nama geessu karaa tokkichaa?
© Copyright Got Questions Ministries