settings icon
share icon
Gaaffii

Ani amma amantii koo Yesuus irra godhadheera...amma sanatti aanseewoo?

Deebii


Ani amma amantii koo Yesuus irra godhadheera...amma sanatti aanseewoo?

Baga gammadde! Murtoo jireenyaa kee irratti jijjiirama taasiisu murteessite! Tarii amma gaafachaa jirta “Itti haanseewoo? Waaqayyo wajjin karaa koo akkamiinan jalqabaa?” tarkaanfiiwwan shanan armaan gadii Macaafa Ququlluu irraa karaa sitti agarsiisu. Yeroo adeemsa kee irratti gaaffii qabaatte, toota Interneetii www.GotQuestions.org/Oromo kana do’adhu.

1. Fayyinni siif galuu isaa mirkaneeffadhu.

1Yohaannis 5:3 “ Isin warri maqaa ilma Waaqayyootti amantan jireenya bara baraa qabaachuu keessan akka beektaniifan kana hundumaa isiniif caafe.” Jechuun nutti hima. Waaqayyo akka nuyi fayyina beeknu barbaada. Waaqayyo sirriitti fayyuu keenya amnatii qabaachuu keenya barabaada. Ballinatti, mee gara qabxii isa ijoo kan fayyinaatti deemna:

(a) Hundumti keenya Yakkineerra. Waantota Waaqayyoon hin gammachiifne hojjenneerra (Roomaa 3:23).

(b) Sababa cubbuu keenyaa, adabbii bara baraan Waaqayyoo itti gargar ba’uutu nuuf ta’a. (Roomaa 6:23).

(c) Yesuus fannoo irratti du’uudhaan gatii cubbuu keenyaa kaffale. (Roomaa 5:8; 2 Qorontoos 5:21). Yesuus bakka keenya du’e, adabbii nuuf ta’u fudhachuudhaan. Du’aa kaafamuun isaa duuti Yesuus gatii cubbuu keenyaa kaffaluudhaaf ga’aa akka ta’e mirkaneessuudhaaf.

(d) Waaqayyo jarreen duu’tin isaa cubbuu keenyaaf gatii baasuuf akka ta’e amananii amantii isaanii Yesuus Kirstoosii irratti godhataniif dhiifamaa fi fayyina kenna (Yohaannis 3:16; Roomaa 5:1; Roomaa 8:1).

Ergaan fayyinaa isa sana! Akka fayyisaa keetiitti amantii kee Yesuus Kiristoos irra godhannaan, ati fayyiteetta! Cubbuun kee hundinuu siif dhuufameera, Waaqayyo lammee akka si hin dhiifneef akka si hin daganne waadaa siif gala (Roomaa 8:38-39; Maatewoos 28:20). Yaadadhu fayyinni kee Yesuus Kiristoosiin eegamaadha (Yohaannis 10:28-29). Akka fayyisaa keetiitti Yesuusiin amanannaan, ati bara baraan Waaqayyoo wajjin waaqa irratti akka dabarsitu amantii qabaatta!

2. Waaldaa Kirsitaanaa gaarii Macaafa Qulqulluu kan barsiisan barbaadi.

Waldaa Kiristaanaa akka mana ijaaramaatti hin yaadin. Waldaan kiristaanaa namoota. Kan Yesuus kiristoostti amanan akka walitti dhufeenya qabaatan baay’ee barbaachisaadha. Barbaachisummaan waldaa kiristaanaa inni angafti isa. Amma amantii kee Yesuus irra godhatteetta, waldaalee Macaafa Qulqulluutti amanan naanna keetii akka barbaaddattu fi soortuu waldaas akka haasofsiiftu cimsnee si jajjabeessina. Amantii kee haaraa Yesuus kiristoostti qabdu haa beekuudhaaf.

Barbaachisummaan waldaa kiristaanaa inni lammaffaan Macaafa Quqlulluu barsiisuudhaaf. Abboommota Waaqayyoo akkamiin jireenya kee keessatti akka hojii irra oolchitu ni baratta. Jireenya milkaa’aadhaa fi jireenya humnaan guutuu ta’e jiraachuudhaaf Macaafni Qulqulluun bantuu akka ta’e hubachuudhaan. 2 Xiimootewoos 3:16-17 irraa akkas jedha, “Caaffanni qulqullaa’oon hundinuu geggeesssaa Hafuura Waaqayyootiin caafame; barsiisuuf balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf qajeelummaattis leejjisuudhaaf dhimma ni baasa. Namni Waaqayyoo waa gochuu kan danda’e, hojii gaarii hundumaafis kan qophaa’e akka ta’u ni godha.”

Barbaachisummaan waldaa kiristaanaa inni sadaffaan waaqeffannaadha. Waqeffannaan waanta godhe hundumaadhaaf Waaqayyoon galateefachuudha! Waaqayyo nu fayyiseera. Waaqayyo nu jaal’ata. Waaqayyo nuuf qopheessa. Waaqayyo nu geggeessa karaa nuttu agarsiisa. Akkamiin isa hin galateeffannuu? Waaqayyo qulqulluudha, kan jaallatudhas, ayyaananis guutuu. Mul’atni Yohaannis 4:11 Akkana jedha, “Ati waan hundumaa waan uumteef, isaanis jaalala keetiin waan uumamaniif, waan jiraataniif gooftaa keenyaa! Waaqayyo keenyaa! Guddina ulfina aangoos fudhachuun siif ni ta’a.”

3. Guyyaa guyyaatti Waaqayyo irratti xiyyeeffachuuf yeroo adda baafadhu.

Guyyaa guyyaatti Waaqayyo irratti xiyyeeffachuuf yeroo fudhachuun baay’ee barbaachisaadha. Namoonni heedduun isa kana “yeroo gabii” jedhanii waamu. Kaan immoo “yeroo arsaa gochuu” jedhanii moggaasu, sababni isaas inni yeroo nuyi yeroo keenya Waaqayyoodhaaf aarsaa gochuudha. Kaan yeroo isaanii gara ganamaa Waaqayyoo wajjin dabarsuu jaallatu, kaan immoo galgala filatu. Yeroo kana maal jettee akka waamtu fi yeroo kam akka filattu rakkina hin qabu. Kan barbaachisu yeroo kee sirriitti isaa wajjin dabarsuu keeti. Yeroo keenya Waaqayyoo wajjin akka dabarsinu maalfaatu taasisu?

(a) Kadhannaa. Salphaadhumatti kadhannaan Waaqayyotti haasa’uudha. Waa’ee rakkina keetiitiif yaaddoo kee Waaqayyootti himi. Ogummaa fi gaggeeffama akka siif kennuuf Waaqayyoon gaafadhu. Waanta si barbaachisu akka siif qopheessuudhaaf Waaqayyoon gaafadhu. Waaqayyoon ammam akka jaallattu fi waantota inni siif godhee hundumaaf amma akka isa jajattu isatti himi. Waluma galatti kadhannaa jechuun isa kana.

(b) Macaafa Qulqulluu dubbisuu. Macaafa Qulqulluu waaldaa keessatti, barmusa sanbataatiin, yookiin qo’annoowwan Macaafa Qulqulluutiin barachu dabalatee ati dhuunfaakeetti Macaafa Qulqulluu dubbisuutu si barbaachisa. Macaafni Qulqulluun akka ati jireenya kiristaanummaa milka’aa jiraattuudhaa fi waanta beekuun si barbaachisu hundumaa qabatee jira. Inni akkamiin murtoo ogummaan guuutuu ta’e akka taasiftuu, akkamiin jaalala Waaqayyoo akka beektu, akkamiin namoota kan biraa akka tajaajiltu, akkamiin akka hafuratti guddattu geggeessummaa Waaqayyoo qabatee jira. Macaafni Qulqulluun nuuf Sagalee Waaqayyooti. Macaafin Qulqulluun akkaata inni jireenya keenyatti gammaduu fi nuttis immoo tolee jiraannuf, qajeelfama Waaqayyoo is bu’uura qabeessa ta’e barbaachisaadha.

4. Namoota jireenya hafuuratti si gargaaranuu wajjin walitti dhufeenya kee cimsadhu.

1Qorontoos 15:33 akkas jedhee nutti hima, “Hin gowwominaa: ‘hiriyaa gadheen amala gaarii ni mancaasa .”’ Macaafni Qulqulluun waa’ee dhiibbaa namootin“gadheen” nurratti taasisanuu akkeekkachiisaan guutuudha. Namoota hojii cubbuu irratti boba’anii jiranii wajjin yeroo dabarsuun akka nuyu hojiiwwan cubbuu sana keessatti hirmaannu nu qora. Amalli jarreen naannaa keenya jiranii nurratti “darba.” Kunis kanaaf namoota kan biraa kan jireenya isaaniitti gooftaaf amanamoo ta’aniin gidduu ta’uun barbaachisaa kan ta’e.

Micuu tokko yookiin lama argachuu barbaadi, tarii waldaa kee keessaa, warra si gargaaranii fi si jajjabeessan(Ibroota 3:13; 10:24). Michuun kee yeroo kadhannaatti dabarsitutti, waanta raawwattu hundumaatti, adeemsa kee Waaqayyoo wajjinii itti gaafatamummaa akka fudhatuudhaaf isa gaafadhu. Akkuma jaraa ati wanna walfakkaataa akka taasisaa jirtu gaafadhu. Kun jechuun michoolii kee hunduma warra gooftaa Yesuus Kiristoos akka fayyisaa lubbuu isaaniitti hin beekne irraa addaan ba’I jechuu miti. Michoolii isaanii ta’uu fi isaan jaallachuu ittuma fufi. Salphaadhumatti Yesuus jireenya kee akka geeddaree fi waanna ati kanaan dura hojjechaa turte amma akka raawwachuu hin dandeenye haa beekan. Yesuusiin michoolii keetti akka himtuuf Waaqayyo carraa akka siif kennu isa gaafadhu.

5. Cuuphami.

Namoonni heeddun jecha cuuphamu jedhu karaa male hubatu. “Cuuphuu” jechi jedhu biishaan keessa gad galchuu jechuudha. Cuuphaan karaa kan Macaafa Qulqulluu ta’e amantii kee Kiristoos irratti qabdu haaraa fi isa duukaa bu’uudhaaf of-kennuu kee kan ittiin beeksftudha. Bishaan keessa gad lixuun kee kiristoosii wajjin awwaalamuu kee kan agarsiisuudha. Bishaan keessaa ba’uun kee Kiristoos du’aa kaafamuu isaa agarsiisuu keeti. Cuuphamuun du’a, awwaalamuu fi du’aa kaafamuu Yesuusii wajjin tokko ta’uu kee agarsiisuudha(Roomaa 6:3-4).

Cuuphaan waan si fayyisu miti. Cuuphaan cubbuu nama irraa hin dhiqu. Cuuphaan salophaadhumatti sadarkaa ajajamuuti, fayyina keetiif kiristoositti amanuu kee ifatti kan ittiin labsitudha. Cuuphaan barbaachisaadha sababni isaa inni sadarkaa adeemsa amatii- kee Kiristoos irratti qabdu fi isaaf amanamaa ta’uu kee ifatti kan ittiin labsitudha. Cuuphamuudhaaf qophoofnaan soortuu waldaa keetiitti himi.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Ani amma amantii koo Yesuus irra godhadheera...amma sanatti aanseewoo?
© Copyright Got Questions Ministries