settings icon
share icon
Gaaffii

Kadhannaan cubbamaa maalii?

Deebii


Kadhannaan cubbamaa kan namni gara Waaqayyootti kadhatu yeroo cubbamaa ta’uu isaanii hubatanii fayyisaa yeroo barbaadan. Kadhannaa cubbamaa kadhachuun ofii isaa humaa hin raawwatu. Kadhannaan cubbamaa inni dhugaan kan namni sun beeku, hubatu, waa’ee,cubbuu isaanii amanuu fi fayyinni akka isaan barbaachisu duwwaa bakka bu’a.

Kutaan kadhannaa cubbamootaa inni jalqabaa undumti keenya cubbamoota akka taane hubachuudha. Roomaa 3:10 kan, “caafanni qulqullaa’aan, namni qajeelaan hin jiru lakkii tokko illee hinjiru” jechuun labsa. Hundumti keenya akka cubbuu hojjenne Macaafni Qulqulluun ni qulqulleessa. Nuyi hundumti keenya cubbamoota Waaqayyo biraa araaraa fi dhiifama cubbuu kan nubarbaachisu (Titos 3:5-7). Sababa cubbuu keenyaa badiisa bara baraatu nuuf ta’a (Maatewoos 25:46). Kadhannaan cubbamaa qooda firdii ayyaana gaafachuudha. Qooda dheekkamsaa araara gaafachuudha.

Kallattiin kadhannaa cubbamaa inni lammaffaan Waaqayyo haala baduu keenyaa fi haala cubbuun guutame keenyaatiif gatii baasuuf kan inni hojjete beekuudha. Waaqayyo foon uffatee nama ta’ee karaa namummaa Yesus Kiristoosiin (Yohaannis 1:1,14). Yesus dhugaa waa’ee Waaqayyoo nu barsiise jireenya qajeelina guutuu ta’ee fi cubbuu malee jiraate (Yohaannis 8:46; 2 Qorontoos 5:21). Yesus fannoo irratti du’uudhaan adabbii nuuf ta’a ture fudhate(Roomaa 5:8). Du’a, si’ool fi cubbuu irratti gooftummaa qabu mirkaneessuudhaaf warra du’an keessaa kaafame (Qolaasaayis 2:15; 1 Qorontoos boqonnaa 15). Sababa kana hundumaatiif, cubbuun keenya nuuf dhiifamuu arganna akkasuma abdii jireenya bara baraa waaqa irrattii qabaanna- yoo Yesus Kiristoos irratti amantii keenya taasifanne. Kan nuyi gochuu qabnu hundisaa inni bakka keenya du’uu isaa fi du’aa ka’uu uisaa amanuudha (Roomaa 10:9-10). Nuyi ayyaana duwwaadhaan fayyuu dandeenya, karaa amantii qofa, Yesus Kiristoos duwwaadhaan. Efeesoon 2:8 akks jedha, “Inni ayyaana Waaqayyootiin karaa amantii fayyifamtan inni immoo kennaa Waaqayyootii malee gochaa ofii keessanii miti””

Kadhata cubbamaa kadhachuun salphaadhumatti Yesus Kiristoos akka fayyisaa keetiitti amanuu kee karaa ittiin agarsiistuudha. Jechi “tolchaa” ta’e keessa hin jiru kan bu’aa fayyinaa agrgamsiisu. Du’a Yesusii fi du’aa kaafamuu isaa duwwaatu sifayyisa. Akka ati cubbamaa taate fi karaa Yesus Kiristoos fayyinni akka sibarbaachisu hubbannaan, kadhannaan cubbamaa kunootii gara Waaqayyootti kadhachuu dandeessa.

“Waaqayyo, akkan cubbamaa ta’e bareera. Gatii cubbuu kootii kaffaluun akka ana irra jiraatu bareera. Haa ta’u malee an Yesus Kiristoos fayyisaa kootti nana amana. Duuti isaa fi du’aa kaafamuun isa akkan dhiifama argadhuuf akka qopheeffame nan amana. Yesusi fi Yesus duwwaatti nana amana Gooftaa fi fayyisaa dhuunfaa kootiitti. Gooftaa sin galateeffadha, waan naffayyistee fi dhiifama waan naa gooteef. Ameen!”

Sababa waantota bakka kanatti dubbisteef Kiristoosiif waanta murteeffatte qabdaa? kana taanaan, maaloo, kolbaa isa “An har’a Kiristoosiin simadheerra” jedhu tuqi.
English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Kadhannaan cubbamaa maalii?
© Copyright Got Questions Ministries