settings icon
share icon
Gaaffii

Jarreen lamaanuu gaa’ila dura wali wajjin jiraachuun isaanii dogogoraa?

Deebii


Deebiin gaaffii kanaa kan murteessuu “wali wajjin jiraachuu” kan jedhu akkamitti akka hubannuu dha. Sana jechuun qunamtii saalaa gochuu yoo ta’ee, dhuguma dogogora, gaa’ila dura kan godhamuu wal qunamtiin saalaa qulqulluu sagalee isaa irratti irra deddeebi’ee ceepha’eera, kan biroo gocha ejjaa wajjin (HoE. 15:20, 1:29, 1Qor. 5:1; 6:13, 18;7:2, 10:8;2Qor. 12:21;Gal. 5:19; EFe. 5:3; Qol. 3:5, 1Tas. 4:3; Yih.7). Kitaabni qulqulluun of qabuu wali galaa jajjabeessa gaa’ilaa ala (fi dura). Gaa’iila dura kan godhamuu wal qunamtiin saalaa akka ejjee fi kan biroon dogogora ejjaati, hundumtuu nama wal hin fuune wajjin kan godhamuu wal qunamtii saalaa waan hammatuuf.

“Wali wajjin jiraachuu” mana tokko keessa jiraachuu yoo ta’ee, sun egaa dhimma adda ta’eef, walumaa galatti, dhiiraa fi dubartiin mana tokko keessa yoo jiraataan rakko tokko iyyuu hin qabu_ safu-maleessi tokko iyyuu hanga hin raawwatamneet. Ta’us, achi irratti rakkoon ka’uu ammas kallattiin safu jiraachuu isaati (1Tas. 5:22, Efe. 5:3) kanaaf inni safu-maleessaa fi qormaata jabaa ta’uu danda’a. kitaabni qulqulluun ejja irraa akka fagaanu nutti hima, mataa keenyaa dhaabbataa kan ta’ee qormaata ejjaa fi akka saaxila hin baafne (1Qor. 6:18). Achi irraaf rakkoo kallatti ni qabaata. Wali wajjin kan jiran lamanuu wali wajjin akka ciisanitti tilmaamama _ uumammni wantootaa akka kana. Hammam illee mana tokko keessa jiraaachuun mataa isaatti cubbuu yoo ta’uu baatellee, kallattiin cubbuu garuu achi jira. Macaafni qulqulluun kalattii cubbuu akka dhabamsiifnu nutti hima (1Tas.5:22, Efe 5:3), ejja irraa akka faagaannu, fi enyuu irra iyyuu gufuun akka hin jiraannee ykn akka hin gufanne. Bu’aa isaatiinis, Waaqayyoon kabajuu miti, dubartiif dhiirri gaa’ilaan ala wali wajjin jiraachuun isaanii.

English



Gara Mana fuula Afaan Oromootti deebi’aa

Jarreen lamaanuu gaa’ila dura wali wajjin jiraachuun isaanii dogogoraa?
© Copyright Got Questions Ministries